Afaan Amaaraa waan hin‎‎beekneef

lgziyoo” erga jettee b0oda, kadhaa hafe Afaan Oromoon itti aansiti.>‎Boorantichi waggaatti al tokko jil’a Caamsaa keessa kan kabajamu yoo ta’u,‎hoolaan qalamee, farsoofi daabboon qophaa’ee muka guddaa (adbaarii) jalatti‎walitti gabamnee akaakayyuun kiyya uumaa kadhata. Dhangaa qophaa’e‎hundarraa mataa fuudhee erga dhibaafateen booda, daabboo “basma’aab”

jedhee mure gurtaoro Business part 1

jedhee muree raabsa. Wanti hanga ammaana ajaa’ibu tokko guyyaa Boorantichaa‎loon ganama foonaa keessaa gadi lakkifamanii gara kaloo bobba’anii dheedu.‎Garuu akka dur tikseen hin tiksitu. Mooraa baasanii raasaatti bobbaasanii‎ofi gara adbaariitti deebi’u. Aduun hooitee, sagantichaaf maatiin erga walitti‎qabamee booda, loon ofumaan raasaa ya’anii dhufanii naannoo gaaddis adbaarii

Marsanii ciisu gurtaoro Business part 1

marsanii ciisu. Loon sun osoo namni hin oofin akkamiin dhufuu akka danda’an‎akaakayyuu kiyya yoon gaafadhu, “ayyaana Boorantichaatu harkisee fide” naan‎jedha ture.‎Ayyaana Kiristaanaa yeroo kabajanis Waaqeffannaa ganamaatiin wal makuu‎hin lakkisne. Fakkeenyaaf Gubaa, Masqalaafi Irreecha walumatti kabaju ture.‎Gaafa ayyaana waggaa (nigsii) Gabreelii hoolaa diimaa buhaa (fuulli adi) gaafa‎Maariyaamif immoo hoolaa gurraacha buhaa qalama. Goorgisiin ammo0‎akkuma gaafa Cuuphaa sangaan qalamee bifa ho’aan kabajama.º Sababni‎isaas Goorgisiin bataskaana Gammachuu Bulliifi hiriyyoonni isaa hojjachiisan‎waan ta’eef natti fakkaata. Kabaja ayyaanota Ortodoksii birootiif akkasumas‎mahaabaraaf xuwwaan manatti yeroo qophaa’u, Giyoorgisiifi ayyaana haadhaa-‎abbaa isaanii maqaa dhahuun kadhatama. Kodhaa (silatiin) Maariyamiifi Haadha‎Abbayyitifis qixuma galfama.‎Adeemsi amantii ganamaa kan boodarra fudhataniin walsimsiisanii wal maddii‎oofuu kun firoota kiyya warra Kiristaanaa qofa osoo hin taane Muslimoota‎birattis baratamaa ture. Fakkeenyaaf soomaafi salaata cinaatti sirna Buna Qalaa‎amantaa Waaqeffannaas ni gaggeessu turan. Yeroo Buna Qalaa bunni duudaan‎dhadhaa qulqulluu wajjiin affeelamee qoriidhaan dhihaaata. Akaakayyuun kiyya‎Maammoo Tufaa dhadhaa kallacha irratti nuu dibaa, buna immoo nu gurshaa‎nu eebbisa ture. Eebba isaa keessatti maqaa Rabbiis, Karaamaa haadhaa-‎abbaa isaas walitti aansee nuuf kadhata. Kadhannaan dirree Sheek Huseen‎5 Booda irra Oromoonni amantaa Ortoodoksii hordofan afaan isaanitin akka tajaajilamanif qabsoo‎godhamu kanin deeggareef keessaa sababni tokko, akkoon tiyya yeroo cubbuu isii himattu qaanii isi‎mudatu waan beekuuf ture.  ‎ilaalama. Akaakayyoonni kiyya Arsil gahuu isaanitiin dura warri Amaaraa achi ture mana amantaa‎hojachiisani turan. Qubattoota haaraa Salaale kana bifa loogummaa qabuufi haala kabaja isaanii tuquun‎keessummeessaa waan turaniif, iddoo gahanitti erga lafa gabatanii gabeenyas horataníi booda g‎a gara‎Shawaa deemuun qeesifi taatbota fidatanii, tabba ol ka’aa irratti bataskaana Goorgisii jaarsisan.‎7 Haati Abbayyil ayyaantuu Oromoota Salaalee biratti kabajaa guddaa qabaniidha.‎‎